Asoosama Gabaabaa Gubaa Jaalalaa Kutaa 7ffaa

Halkan tokkittii har’aa qabna. Irbaata keenya alumaa fayyadamnee gallee rafne. halkan bokkaan cimaan tokko roobe. Ifaan harka isaatiin gara dugadakootiin uffata keessaan baasee naqabee, qabduu harmaakoo hiike. Onneen na tume. Yemmuu rukkutu Baabura naafxaan daaku fakkaata. Suuta jedhee itti jedheen “maaliif hiikta abbaakoo” jedheen jabeessee haammadhe. Roobni hedduu roobaa waan jiruuf sagalee ol kaasnee male wal hin dhageenyu. Innis deebisee “walitti ho’inee rafna” jedhee shurraaba mudhii olii baase. Kan koos baasee wal xaxannee bulle. Guyyaa lammaffaa waliin bulle. Waadaa walii seennes hin cabsine. Hiriyoonni isaa ammaa amma bilbilanii “akkam goote” jedhu.

An dubbii isaanii nan dhaga’a. “Barana siif taate mataa gad qabattee” jedhanii walitti qoosu. bullee bariinaan inni gara Giddaa animmoo gara Gimbiitti imalle. Yemmuu nagaatti waliin jennu ija isaatti imimmaan guutuu barbaade. “Nagaatti sababa uumeen dhufee si arga.” naan jedhee jaalala barbadaa keessa wal buufnee adda baane. Bilbilaan guyyaatti al sadii walii hin bilbillu taanaan, anis innis boqonnaa hin qabnu. Jaalalli keenya nu gidduumatti ta’ee, fiilmii goonee uummata hin boossifne male, Roomiyoof Juuliyeet, Jaakiif Roozaan akka keenyatti wal hin jaallanne.

Walitti nu maraacha, walitti nu gaggabsa. hundumtuu hunda dabarsee mana barnootaa deemuun ga’e. Inni Dirree dawaatti an naqamteekootti kaane. An durasaa waanan ga’eef buufata konkolaataattan isa eege. Osoo xiqqoo hin turin dhufe. Walitti rarraanee wal fudhannee achuma mana siree obbolaa ykn wandimamachochi lakk 41 qabannee bulle. Baay’ee waan wal yaanneef baanee suura waliin kaanee dafnee ol deebinee, jilbasaarra ciisee ija keessa ilaalaa taphannee, jaalala miooftuu utuu qooddannuu hiriyaan isaa bilbilee, “gurbaa intalli akkami durbamoo” jedhee gaafate.

Akkuma qoosaa godhee jaalallee dhiiraa waanan qabadhe seeteeree jedhe. An garuu keessikoo sururr na jedhe. Hiriyoota akkas dubbatan utuu qabu akkamiin yoona ga’e kan jedhu bitaa na gale. hiriyaan isaa ittuma fufee, sii qotti moo siif haramti? Moo mucaa abbaa kee obboleetiidha siif kan callistee haammattee raftu jedhe. Yeroo kana aariin funyaanirra na ga’e irraa fuudheen cufee lafa kaa’e. ijasa keessa ilaalaa Waadaa dhumaa naa seentaa jedheen gaafadhe. Waadaa maalii naan jedhe …… itti fufa

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *