Jaalalaan wal qabatee amala dubartoonni qaban wal xaxaa ta’uu danda’a. Amma ishiin afaanii baastee sin jaaladha sin jettuttin eega jennaan umuriin kee dhumuu danda’a. Kanaaf ishiin na jaalattii laata jechuu irra mallattoo ishii hubachuun gaaridha.
Waa’ee kee baay’ee yaaddofti
Dubartiin tokko gaafa si jaalatte nageenyi kee baay’ee ishii yaaddessa. Rakkoon yoo si qunname ni cinqamti. Iddoo rakkoo kee kamiyyuu daftee argamti. Ati rakkattee garagaltee kan si hin ilaalle taanan jaalala waan siif qabduu miti.
Miira Hinaaffaatu irraa calaqqisa
Yeroo ati dubartoota biraa faana walitti dhufeenya taasiftu itti hin tolu. Amala sitti jijjiirratti. Haala muufii qabuun si dubbisti. Yeroo ati dubartii biraa faana akka feetu taatu si agartee kan omaa itti hin fakkaanne si hin jaalattu jechuudha.
Jireenya dhuunfaa kee keessa galuu barbaaddi
Waa’ee jireenya keetii si qoratti. Kana osoo gootee, sana siif wayya yoo jettee waan dhuunfaa keetii keessa harka galfatte jaalala siif qabdu agarsiisa jirti jechuudha. Waan ati dagatte hunda iyyaafattee si yaadachifti.
Yero ishii siif laatti
Waan hunda dhiiftee si faana ta’uu barbaaddi. Hanga feete yoo si waliin dabarsite hin nuffitu. Osoo hin beekne sa’aatin ishii jalaa dhuma.
Sirraa fagaachuu ni jibbiti

Yoo yeroo dheeraf sirraa fagaatte ni aarti. Guyyaa guyyaan si argitu malee itti hin tolu. Sirraa gargar ba’uun itti hin tolu. Dirqama qofatu sirraa ishii fageessa.
Hariiroo keessan guddisaa deemti
Hariiron hiriyummaa keessanii sadarkaa xiqqaa irra kan ture akka ol guddatu feeti.
Si hoogganuu barbaaddi
Akkatti karoora kee galmaan ga’attutti si gorsiti. Yeroo hunda hojii kee milkeessuf si duubaa hin dhabamtu.
Waa’ee kee odeessiti
Siin waan boontuf hundatti si beeksifti. Waan sitti hin qaanofneef hiriyoota ishiitti si himatti.
Si kofalchiisuf ni dhamaati
Amma danda’ametti akka ati fuula iftu amma humna ishiitii ni dhamaati. Siif sirbuu, shubbisuun si gammachiisuf dadhabdi.
Waan kee ni yayyaadatti
Guyyaa dhaloota kee, uffata kam uffachuu akka jaaallattu, nyaata ati filattu si yayyadachiisuu dandeessi. Kana jechuun ammam ishii keessatti akka mana ijaarratte agarsiisa.
Si ajaa’ibsiisuf ni yaalti
Waan tokko tokko yaaltee hojjachuudhan si ajaa’ibsiistee akka ati jaalattuuf dhamaati.
Ati isheef Hundumaa caalta
Warra ishiirra si filatti. Waan hunda siin geessee mari’atti. Akka jireenya ishii keessatti ga’ee kee baatu ni barbaaddi.
Injifannoo kee ni kabajji
Waan fedhe yoo ati galmeessite itti tola. Xiqqoodha jettee si harkatti hin tuffattu.
Maatii ishiitin wal si barsiisti.
Ishiin tun jaalala bira dabartee hanga waliin bultii ijaarrattan hundayyuu fedhuu ishii agarsiisa.
Jaalalli dhimma wal xaxaa dha. Beekuf ulfaatus ‘ishiin na jaalattti laata’ jettee gaafachuun cubbuu hin qabu. Garuu mallattoowwan kana hordofanii baruun gaaridha.
Boka